97 - Al-Qadr
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Dhugumatti, Nuti halkan sadarkaa qabdu keessa isa (Qur'aana) buufne
(2) Halkan sadarkaa qabdu maal akka taate maaltu si beeksise?
(3) Halkan sadarkaa qabdu ji'a kumarra caalti.
(4)  Maleykonniifi Jibriil ishee keessa eeyyama Gooftaa isaaniitiin ajaja hundaan bu'u.
(5) Isheen hanga baha fajriitti nagaadha.