منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers

(إسلامي.. ثقافي.. اجتماعي.. إعلامي.. علمي.. تاريخي.. دعوي.. تربوي.. طبي.. رياضي.. أدبي..)
 
الرئيسيةالأحداثأحدث الصورالتسجيل
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه) (فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)


IZHAR UL-HAQ

(Truth Revealed) By: Rahmatullah Kairanvi
قال الفيلسوف توماس كارليل في كتابه الأبطال عن رسول الله -صلى الله عليه وسلم-: "لقد أصبح من أكبر العار على أي فرد مُتمدين من أبناء هذا العصر؛ أن يُصْغِي إلى ما يظن من أنَّ دِينَ الإسلام كَذِبٌ، وأنَّ مُحَمَّداً -صلى الله عليه وسلم- خَدَّاعٌ مُزُوِّرٌ، وآنَ لنا أنْ نُحارب ما يُشَاعُ من مثل هذه الأقوال السَّخيفة المُخْجِلَةِ؛ فإنَّ الرِّسَالة التي أدَّاهَا ذلك الرَّسُولُ ما زالت السِّراج المُنير مُدَّةَ اثني عشر قرناً، لنحو مائتي مليون من الناس أمثالنا، خلقهم اللهُ الذي خلقنا، (وقت كتابة الفيلسوف توماس كارليل لهذا الكتاب)، إقرأ بقية كتاب الفيلسوف توماس كارليل عن سيدنا محمد -صلى الله عليه وسلم-، على هذا الرابط: محمد بن عبد الله -صلى الله عليه وسلم-.

يقول المستشرق الإسباني جان ليك في كتاب (العرب): "لا يمكن أن توصف حياة محمد بأحسن مما وصفها الله بقوله: (وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَالَمِين) فكان محمدٌ رحمة حقيقية، وإني أصلي عليه بلهفة وشوق".
فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ على سائر البُلدان، كما فَضَّلَ بعض الناس على بعض والأيام والليالي بعضها على بعض، والفضلُ على ضربين: في دِينٍ أو دُنْيَا، أو فيهما جميعاً، وقد فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ وشَهِدَ لها في كتابهِ بالكَرَمِ وعِظَم المَنزلة وذَكَرَهَا باسمها وخَصَّهَا دُونَ غيرها، وكَرَّرَ ذِكْرَهَا، وأبَانَ فضلها في آياتٍ تُتْلَى من القرآن العظيم.
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه) (فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)

المهندس حسن فتحي فيلسوف العمارة ومهندس الفقراء: هو معماري مصري بارز، من مواليد مدينة الأسكندرية، وتخرَّجَ من المُهندس خانة بجامعة فؤاد الأول، اشْتُهِرَ بطرازهِ المعماري الفريد الذي استمَدَّ مَصَادِرَهُ مِنَ العِمَارَةِ الريفية النوبية المَبنية بالطوب اللبن، ومن البيوت والقصور بالقاهرة القديمة في العصرين المملوكي والعُثماني.
رُبَّ ضَارَّةٍ نَافِعَةٍ.. فوائدُ فيروس كورونا غير المتوقعة للبشرية أنَّه لم يكن يَخطرُ على بال أحَدِنَا منذ أن ظهر وباء فيروس كورونا المُستجد، أنْ يكونَ لهذه الجائحة فوائدُ وإيجابيات ملموسة أفادَت كوكب الأرض.. فكيف حدث ذلك؟!...
تخليص الإبريز في تلخيص باريز: هو الكتاب الذي ألّفَهُ الشيخ "رفاعة رافع الطهطاوي" رائد التنوير في العصر الحديث كما يُلَقَّب، ويُمَثِّلُ هذا الكتاب علامة بارزة من علامات التاريخ الثقافي المصري والعربي الحديث.
الشيخ علي الجرجاوي (رحمه الله) قَامَ برحلةٍ إلى اليابان العام 1906م لحُضُورِ مؤتمر الأديان بطوكيو، الذي دعا إليه الإمبراطور الياباني عُلَمَاءَ الأديان لعرض عقائد دينهم على الشعب الياباني، وقد أنفق على رحلته الشَّاقَّةِ من مَالِهِ الخاص، وكان رُكُوبُ البحر وسيلته؛ مِمَّا أتَاحَ لَهُ مُشَاهَدَةَ العَدِيدِ مِنَ المُدُنِ السَّاحِلِيَّةِ في أنحاء العالم، ويُعَدُّ أوَّلَ دَاعِيَةٍ للإسلام في بلاد اليابان في العصر الحديث.


 

 35 - Faatir

اذهب الى الأسفل 
كاتب الموضوعرسالة
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52115
العمر : 72

35 - Faatir Empty
مُساهمةموضوع: 35 - Faatir   35 - Faatir Emptyالخميس 22 سبتمبر 2022, 11:09 pm

35 - Faatir
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin

(1) Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan maleykotas ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasiseef haa ta’uUumama keessattis waan fedhe ni dabalaDhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha
(2) Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiruWanta Inni dhorges Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiruInnis injifataa, ogeessa
(3) Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah of irratti yaadadhaaSila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiruKanaafuu akkamitti isa (irraa) garagaltu?
(4) (Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiruDhimmoonni hundis gara Rabbiitti deebifamu.
(5) Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadhaKanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsineGowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine
(6) Dhugumatti, Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaaGareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.
(7) Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jiraIsaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira
(8) Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan gaarii taasisee ishee ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Dhugumatti, Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelchaKanaafuu isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baaneDhugumatti, Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.
(9) Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachifneKaafamni Qiyaamaas akkuma kana.
(10) Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu)Jabeenyi hunduu kan RabbiitiHaasofni gaariin gara isaa ol bahaDalagaa gaariitu isa ol fuudhaIsaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada
(11) Rabbiin biyyee irraa, ergasii bishaan irraa isin uumee, ergasii cimdii isin taasiseBeekumsa Isaatiin ala dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessusNamni umrii dheereffame tokkollee, kitaaba keessa jiraatu malee umriin isaa hin dheereffamuUmrii isaa irraa hin hir’ifamus; dhugumatti, sun Allaah irratti laafaadha.
(12) Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadhaHunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattuAkka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta
(13) Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisaAduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’uInni (kana hojjate) kun Rabbii keessan AllaahdhaIsaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu
(14) Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatanGuyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu(Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.
(15) Yaa namootaa! Isinumatu gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.
(16) Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
(17) Sunis Allaah irratti ulfaataa miti.
(18) (Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu(Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamuKan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidhaNamni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifiDeebi’iinsi garuma Rabbiiti.
(19) Jaamaafi namni Ija qabus wal hin qixxaatu.
(20) Dukkanniifi iftis (akkasuma).
(21) Gaaddisniifi ho’i cimaanis
(22) Namoonni lubbuun jiraniifi isaan du’anis wal qixaa mitiDhugumatti, Allaahn nama fedhe ni dhageessisaAti garuu nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti.
(23) Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.
(24) Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee dhugaadhaan si erginee jirraUmmanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti hin ergamin hin jiru.
(25) Yoo si sobsiisanis, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiruErgamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.



35 - Faatir 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52115
العمر : 72

35 - Faatir Empty
مُساهمةموضوع: رد: 35 - Faatir   35 - Faatir Emptyالخميس 22 سبتمبر 2022, 11:09 pm


(26) Ergasiis isaan kafaran qabeen jiraadabbiin kiyyaas akkam ta’e!
(27) Rabbiin bishaan samii irraa buusee, ittiin fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e akka biqilchine hin arginee? Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti isaanii gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)
(28) Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis warra bifti isaanii akkasuma gara gara ta’es ni uumneGabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofaDhugumatti, Rabbiin injifataa, araaramaadha
(29) Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.
(30) Akka Inni (Rabbiin) mindaa isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu)Dhugumatti, Inni araaramaa, galateeffataadha.
(31) Kitaaba (Qur’aana) irraa waan isa duraa kan dhugoomsu ta’ee kan Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadhaDhugumatti Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha.
(32) Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirraIsaan irraas nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jiraIsaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jiraSun isumatu tola guddaadha.
(33) Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira)Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
(34) Ni jedhus: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseetiDhugumatti, Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.
(35) (Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa kan gonkumaa keessaa hin baane, kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa nu qubachiiseedha.
(36) Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jiraIsaanitti murteeffamtees hin du’anuadabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamuAkkaan kafaraa hunda akka kanatti mindeessina.
(37) Isaanis ishee keessatti “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun ishee keessaa waywaatu“Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsaan hin jiru.”
(38) Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiitiInni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.
(39) Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godheNamni kafare kufriin isaa isuma irrattiKaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabaluKaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.
(40) “Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaaSila samii (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran isaaniif kenninee? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.
(41) Dhugumatti, Rabbiin samiifi dachiin akka hin deemne qabaOdoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabuInni obsaa, araaramaa ta’eera
(42) Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa taana jechuun kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatanYeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe
(43) Dachee keessatti boonaafi tooftaa dharaa (malee isaaniif hin daballe)Tooftaan hamaan abbaa isaatti malee hin marsuSila karaa warra durii malee maal eegan? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu
(44) Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa oduma humnaanis isaan irra cimoo ta’anii akkam akka ture hin ilaalanuu? Rabbiin samii keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiruInni beekaa, danda’aa ta’eera
(45) Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu tureGaruu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisaYeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa)Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera.



35 - Faatir 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
 
35 - Faatir
الرجوع الى أعلى الصفحة 
صفحة 1 من اصل 1
 مواضيع مماثلة
-
» 35 - Faatir
» 35 - Faatir
» 35 - Faatir
» 35. Faatir
» Faatir

صلاحيات هذا المنتدى:لاتستطيع الرد على المواضيع في هذا المنتدى
منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers :: (English) :: The Holy Quran is translated :: Oromo-
انتقل الى: