105 - Al-Fil
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee?
(2) Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? (godheera).
(3) Simbira garee gareedhaan isaanitti erge.
(4) Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaanitti darbatti.
(5) Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise.