أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 52644 العمر : 72
| موضوع: 88 - Al-Ghaashiya الأحد 25 سبتمبر 2022, 4:07 pm | |
| 88 - Al-Ghaashiya Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin (1) Sila oduun haguugduu[] (Qiyaamaa) sitti dhufeeraa? (2) Fuulli gariin guyyaa san xiqqaattuudha. (3) Hojjattuu ifaajjuudha (4) Ibidda gubduu seenti. (5) Burqituu danfituu irraa obaafamti. (6) Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru. (7) Hin gabbisu; beela irraas hin duroomsu. (8) Fuulli gariin guyyaa san qananiituudha. (9) Dalagaa ishee jaalattuudha (10) Jannata ol fuudhamtuu keessa jiraatti. (11) Ishee keessatti waca hin dhaga'anu. (12) Ishee keessa burqituu yaatutu jirti. (13) Ishee keessa sireewwan ol fuudhamtuutu jirti. (14) Kubbaayyaawwan kaa’amtuutu jirti. (15) Boraatiiwwan tarree galfamantu (isaaniif jira). (16) Afaawwan diriirfamanis (isaaniif jirti). (17) Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu? (18) Gara samii akkamitti akka ol fuudhamte (hin ilaalanuu)? (19) Gara gaarreenis akkamitti akka dhaabamte (hin ilaalanuu)? (20) Gara dachiis akkamitti akka diriirfamte (hin ilaalanuu)? (21) Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa. (22) Isaan irratti dirqisiisaa hin taane. (23) Garuu nama gara galee kafare, (24) Rabbiin adabbii guddaa isa adaba (25) Deebiin isaanii garuma Keenya. (26) Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira. |
|