منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers

(إسلامي.. ثقافي.. اجتماعي.. إعلامي.. علمي.. تاريخي.. دعوي.. تربوي.. طبي.. رياضي.. أدبي..)
 
الرئيسيةالأحداثأحدث الصورالتسجيل
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه) (فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)

IZHAR UL-HAQ

(Truth Revealed) By: Rahmatullah Kairanvi
قال الفيلسوف توماس كارليل في كتابه الأبطال عن رسول الله -صلى الله عليه وسلم-: "لقد أصبح من أكبر العار على أي فرد مُتمدين من أبناء هذا العصر؛ أن يُصْغِي إلى ما يظن من أنَّ دِينَ الإسلام كَذِبٌ، وأنَّ مُحَمَّداً -صلى الله عليه وسلم- خَدَّاعٌ مُزُوِّرٌ، وآنَ لنا أنْ نُحارب ما يُشَاعُ من مثل هذه الأقوال السَّخيفة المُخْجِلَةِ؛ فإنَّ الرِّسَالة التي أدَّاهَا ذلك الرَّسُولُ ما زالت السِّراج المُنير مُدَّةَ اثني عشر قرناً، لنحو مائتي مليون من الناس أمثالنا، خلقهم اللهُ الذي خلقنا، (وقت كتابة الفيلسوف توماس كارليل لهذا الكتاب)، إقرأ بقية كتاب الفيلسوف توماس كارليل عن سيدنا محمد -صلى الله عليه وسلم-، على هذا الرابط: محمد بن عبد الله -صلى الله عليه وسلم-.

يقول المستشرق الإسباني جان ليك في كتاب (العرب): "لا يمكن أن توصف حياة محمد بأحسن مما وصفها الله بقوله: (وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَالَمِين) فكان محمدٌ رحمة حقيقية، وإني أصلي عليه بلهفة وشوق".
فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ على سائر البُلدان، كما فَضَّلَ بعض الناس على بعض والأيام والليالي بعضها على بعض، والفضلُ على ضربين: في دِينٍ أو دُنْيَا، أو فيهما جميعاً، وقد فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ وشَهِدَ لها في كتابهِ بالكَرَمِ وعِظَم المَنزلة وذَكَرَهَا باسمها وخَصَّهَا دُونَ غيرها، وكَرَّرَ ذِكْرَهَا، وأبَانَ فضلها في آياتٍ تُتْلَى من القرآن العظيم.
المهندس حسن فتحي فيلسوف العمارة ومهندس الفقراء: هو معماري مصري بارز، من مواليد مدينة الأسكندرية، وتخرَّجَ من المُهندس خانة بجامعة فؤاد الأول، اشْتُهِرَ بطرازهِ المعماري الفريد الذي استمَدَّ مَصَادِرَهُ مِنَ العِمَارَةِ الريفية النوبية المَبنية بالطوب اللبن، ومن البيوت والقصور بالقاهرة القديمة في العصرين المملوكي والعُثماني.
رُبَّ ضَارَّةٍ نَافِعَةٍ.. فوائدُ فيروس كورونا غير المتوقعة للبشرية أنَّه لم يكن يَخطرُ على بال أحَدِنَا منذ أن ظهر وباء فيروس كورونا المُستجد، أنْ يكونَ لهذه الجائحة فوائدُ وإيجابيات ملموسة أفادَت كوكب الأرض.. فكيف حدث ذلك؟!...
تخليص الإبريز في تلخيص باريز: هو الكتاب الذي ألّفَهُ الشيخ "رفاعة رافع الطهطاوي" رائد التنوير في العصر الحديث كما يُلَقَّب، ويُمَثِّلُ هذا الكتاب علامة بارزة من علامات التاريخ الثقافي المصري والعربي الحديث.
الشيخ علي الجرجاوي (رحمه الله) قَامَ برحلةٍ إلى اليابان العام 1906م لحُضُورِ مؤتمر الأديان بطوكيو، الذي دعا إليه الإمبراطور الياباني عُلَمَاءَ الأديان لعرض عقائد دينهم على الشعب الياباني، وقد أنفق على رحلته الشَّاقَّةِ من مَالِهِ الخاص، وكان رُكُوبُ البحر وسيلته؛ مِمَّا أتَاحَ لَهُ مُشَاهَدَةَ العَدِيدِ مِنَ المُدُنِ السَّاحِلِيَّةِ في أنحاء العالم، ويُعَدُّ أوَّلَ دَاعِيَةٍ للإسلام في بلاد اليابان في العصر الحديث.

أحْـلامٌ مِـنْ أبِـي (باراك أوباما) ***

 

 52 - At-Tur

اذهب الى الأسفل 
كاتب الموضوعرسالة
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52644
العمر : 72

52 - At-Tur Empty
مُساهمةموضوع: 52 - At-Tur   52 - At-Tur Emptyالجمعة 23 سبتمبر 2022, 9:27 pm

52 - At-Tur
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) (Gaara) Xuuriin kakadhe.
(2) Kitaaba barreeffamaanis.
(3) Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.
(4) Mana jiraachifamaanis.
(5) Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis.
(6) Galaana qabsiifamaaniis.
(7) Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.
(8) Wanti isa deebisu tokkolleen hin jiru.
(9) Guyyaa samiin socho’iinsa (hamaa) sochootu.
(10) (Guyyaa) gaarreenis deemicha deemtu.
(11) Warra guyyaa san kijibsiisaniif badii ibiddaatu jira.
(12) (Isaan) warra soba keessa taphataniidha.
(13) Guyyaa humnaan gara ibidda jahannam oofamiinsa oofaman
(14) (Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.
(15) Sila kun falfala moo isinumatu hin argitanu?!
(16) Ishee seenaa (dhandhamaa); obsitanus yookiin obsuu baattanus isiniif waluma qixaWanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).
(17) Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannataafi qananii keessa jiraatu.
(18) Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaaniis adabbii gubaa jalaa isaan baraarse.
(19) “Waan hojjataa turtaniif jecha gaarii haala ta’een nyaadhaa; dhugaa” (isaaniin jedhama).
(20) Sireewwan hiriira galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu)Dubartoota adaadii ija babal’aa isaan fuusifna.
(21) Isaan amananii ilmaan isaaniis iimaanaan isaan hordofan, maatii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna(Galata) dalagaa isaanii irraas homaayyuu hin hir’ifnuNamni hunduu waan hojjateen qabamaadha.
(22) Mudraaleefi foon waan isaan fedhan irraa ta’e isaaniif daballa.
(23) Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) kan ishee keessa sobaafi diliin hin jirre walitti daddabarsu (waliif kennu).
(24) Ijoollee dhiiraa isaanii warra faaya eegamaa fakkaatantu isaan irra naanna’u.
(25) Gariin isaaniis garii irratti gara galaniiti wal gaggaafatu.



52 - At-Tur 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52644
العمر : 72

52 - At-Tur Empty
مُساهمةموضوع: رد: 52 - At-Tur   52 - At-Tur Emptyالجمعة 23 سبتمبر 2022, 9:28 pm


(26) Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.
(27) Rabbiin nu qanansiisee, adabbii summaa’aa jalaas nu baraarse.
(28) Nuti dhugumatti, kana dura Isa kadhataa turreInni dhugumatti, Isumatu tola oolaa, mararfataadha.”
(29) Yaadachiisi! Ati ni’imaa Gooftaa keetiitiin, raagaafi maraataa miti.
(30) “Weellisaadha; dhufuu du’aa isa irratti eegna” jedhan mitii?
(31) “Eegaa! Anis isin waliin warra eegu irrayii” jedhiin.
(32) Sila sammuu isaaniitu kanatti isaan ajaja moo? Lakkii, isaanumatu ummata daangaa darboodha.
(33) Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu moo?” lakkii, isaanumatu hin amanne.
(34) Yoo kan dhugaa dubbatan ta’aniif haasaa fakkaataa isaatiin haa dhufanu.
(35) Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha?
(36) Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu.
(37) Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira moo isaantu injifattoota?
(38) Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.
(39) Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa jiru?
(40) Moo mindaa isaan gaafatteeti kaffaltiin isaa isaanitti ulfaate?
(41) Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?
(42) Lakkii! Tooftaa baasuu fedhaniWarri kafare isaanuma kan tooftaan itti baafamu.
(43) Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.
(44) Yoo samii irraa cittuu wahii kan gadi kuftu arganis “duumessa kuufamaadha” jedhu
(45) Hanga guyyaa isaanii kan isa keessa dhuman qunnamanitti isaan dhiisi.
(46) Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).
(47) Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura adabbiitu jiraGaruu irra hedduun isaanii hin beekanu.
(48) Murtii Gooftaa keetiitiif obsiDhugumatti, ati tika keenya jala jirtaYeroo kaatu Faaruu Gooftaa keetiitiin Isa qulqulleessi.
(49) Halkanis Isa faarsi; yeroo urjiiwwan seenanis (faarsi).



52 - At-Tur 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
 
52 - At-Tur
الرجوع الى أعلى الصفحة 
صفحة 1 من اصل 1

صلاحيات هذا المنتدى:لاتستطيع الرد على المواضيع في هذا المنتدى
منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers :: (English) :: The Holy Quran is translated :: Oromo-
انتقل الى: