47 - Muhammad
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera.
(2) Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ jechuu amanan, (Rabbiin) dilii isaanii isaan irraa haqeeti, haala isaaniis tolche.
(3) Kun waan warri kafaran dhara bu’ura hin qabne hordofaniifi warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii biraa ta’e hordofaniifiAkka kanatti Rabbiin fakkeenya isaanii ilma namaatiif taasisa.
(4) Yeroo warra kafare qunnamtan morma dhawaaYeroo isaan baay’ee ajjeeftan, hidhaa jabeessaaSana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa)Dubbiin kanaRabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahataGaruu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jechaWarra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu
(5) Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.
(6) Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa.
(7) Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isin tumsaFaana keessanis gadi dhaaba.
(8) Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha(Rabbiin) dalagaa (hojii) isaaniis ni balleessa.
(9) Kun waan isaan (Qur’aana) Rabbiin buuse jibbaniifiKanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii duraa balleesse.
(10) Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaan duraa maal akka ta’e hin ilaallee? Rabbiin guutumatti isaan barbadeesseKaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha.
(11) Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafirootaaf immoo gargaaraan waan hin jirreefi.
(12) Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannata laggeen isaan keessa yaa’u seensisaWarri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa jiraatanIbiddi bakka jireenya isaaniiti.
(13) Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa kee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirraHomaa tumsaan isaaniif hin jiru.
(14) Sila inni ragaa ifa ba’aa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee, fedha lubbuu isaanii hordofanii ni ta’aa?
(15) Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaataniif waadaa galamee (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’e, laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa ta’etu jiraAmmas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira(Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii?
(16) Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee yeroo si biraa gadi bahe, warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?” jedhantu jiraIsaan sun warra qalbii isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhii isaanii hordofaniidha
(17) Isaan karaa qajeelaa hordofan, (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.
(18) Sila (Qiyaaman) tasa isaanitti dhufuu malee maal eegu? Mallattooleen ishee dhufaniiruYeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?
(19) Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki; dilii keetiifis araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu)Rabbiin sochii keessaniifi iddoo isin qubattanis ni beeka.
(20) Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhuYeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onnee isaanii keessa dhukkubni jiru ilaalcha nama machii du’aa keessa jiruu kan gara kee ilaalu argitaBadiin isaaniif haa ta’u.
(21) Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala)Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.
(22) Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii?
(23) Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ija isaaniis jaamseedha.
(24) Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onnee isaanii irra cufaa isheetu jira?
(25) Isaan erga karaan qajeelaan ifa isaaniif ta’ee booda duubatti jedhan, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe.