منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers

(إسلامي.. ثقافي.. اجتماعي.. إعلامي.. علمي.. تاريخي.. دعوي.. تربوي.. طبي.. رياضي.. أدبي..)
 
الرئيسيةالأحداثأحدث الصورالتسجيل
(جميع المقالات المنشورة تعبِّر عن رأي كُتَّابها ولا تعبِر بالضرورة عن رأي المنتدى)
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه)

(فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)

IZHAR UL-HAQ

(Truth Revealed) By: Rahmatullah Kairanvi
قال الفيلسوف توماس كارليل في كتابه الأبطال عن رسول الله -صلى الله عليه وسلم-: "لقد أصبح من أكبر العار على أي فرد مُتمدين من أبناء هذا العصر؛ أن يُصْغِي إلى ما يظن من أنَّ دِينَ الإسلام كَذِبٌ، وأنَّ مُحَمَّداً -صلى الله عليه وسلم- خَدَّاعٌ مُزُوِّرٌ، وآنَ لنا أنْ نُحارب ما يُشَاعُ من مثل هذه الأقوال السَّخيفة المُخْجِلَةِ؛ فإنَّ الرِّسَالة التي أدَّاهَا ذلك الرَّسُولُ ما زالت السِّراج المُنير مُدَّةَ اثني عشر قرناً، لنحو مائتي مليون من الناس أمثالنا، خلقهم اللهُ الذي خلقنا، (وقت كتابة الفيلسوف توماس كارليل لهذا الكتاب)، إقرأ بقية كتاب الفيلسوف توماس كارليل عن سيدنا محمد -صلى الله عليه وسلم-، على هذا الرابط: محمد بن عبد الله -صلى الله عليه وسلم-.

يقول المستشرق الإسباني جان ليك في كتاب (العرب): "لا يمكن أن توصف حياة محمد بأحسن مما وصفها الله بقوله: (وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَالَمِين) فكان محمدٌ رحمة حقيقية، وإني أصلي عليه بلهفة وشوق".
فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ على سائر البُلدان، كما فَضَّلَ بعض الناس على بعض والأيام والليالي بعضها على بعض، والفضلُ على ضربين: في دِينٍ أو دُنْيَا، أو فيهما جميعاً، وقد فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ وشَهِدَ لها في كتابهِ بالكَرَمِ وعِظَم المَنزلة وذَكَرَهَا باسمها وخَصَّهَا دُونَ غيرها، وكَرَّرَ ذِكْرَهَا، وأبَانَ فضلها في آياتٍ تُتْلَى من القرآن العظيم.
المهندس حسن فتحي فيلسوف العمارة ومهندس الفقراء: هو معماري مصري بارز، من مواليد مدينة الأسكندرية، وتخرَّجَ من المُهندس خانة بجامعة فؤاد الأول، اشْتُهِرَ بطرازهِ المعماري الفريد الذي استمَدَّ مَصَادِرَهُ مِنَ العِمَارَةِ الريفية النوبية المَبنية بالطوب اللبن، ومن البيوت والقصور بالقاهرة القديمة في العصرين المملوكي والعُثماني.
رُبَّ ضَارَّةٍ نَافِعَةٍ.. فوائدُ فيروس كورونا غير المتوقعة للبشرية أنَّه لم يكن يَخطرُ على بال أحَدِنَا منذ أن ظهر وباء فيروس كورونا المُستجد، أنْ يكونَ لهذه الجائحة فوائدُ وإيجابيات ملموسة أفادَت كوكب الأرض.. فكيف حدث ذلك؟!...
تخليص الإبريز في تلخيص باريز: هو الكتاب الذي ألّفَهُ الشيخ "رفاعة رافع الطهطاوي" رائد التنوير في العصر الحديث كما يُلَقَّب، ويُمَثِّلُ هذا الكتاب علامة بارزة من علامات التاريخ الثقافي المصري والعربي الحديث.
الشيخ علي الجرجاوي (رحمه الله) قَامَ برحلةٍ إلى اليابان العام 1906م لحُضُورِ مؤتمر الأديان بطوكيو، الذي دعا إليه الإمبراطور الياباني عُلَمَاءَ الأديان لعرض عقائد دينهم على الشعب الياباني، وقد أنفق على رحلته الشَّاقَّةِ من مَالِهِ الخاص، وكان رُكُوبُ البحر وسيلته؛ مِمَّا أتَاحَ لَهُ مُشَاهَدَةَ العَدِيدِ مِنَ المُدُنِ السَّاحِلِيَّةِ في أنحاء العالم، ويُعَدُّ أوَّلَ دَاعِيَةٍ للإسلام في بلاد اليابان في العصر الحديث.

أحْـلامٌ مِـنْ أبِـي (باراك أوباما) ***

 

 42 - Ash-Shura

اذهب الى الأسفل 
كاتب الموضوعرسالة
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52879
العمر : 72

42 - Ash-Shura Empty
مُساهمةموضوع: 42 - Ash-Shura   42 - Ash-Shura Emptyالجمعة 23 سبتمبر 2022, 5:53 pm

42 - Ash-Shura
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Haa Miim.
(2) Ayn Siin Qaaf.
(3) Akka kanaan Rabbiin injifataa ogeessa ta’e gara keetiifi gara isaan siin duraa wahyii godha.
(4) Wanti samiifi wanti dachii keessaa hundi kan IsaatiInni ol ta’aa, guddaadha.
(5) Samiin (torban) wal gubbaa baqaquutti dhihaattiMaleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessuNama dachii keessa jiruufis araarama kadhatuDhaga’aa! Dhugumatti, Rabbiin Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
(6) Warri Isaan alatti jaalallee godhatan, Rabbiin isaan to’ataAti isaan irratti itti gaafatamaa miti.
(7) Akka (warra) haadhoo magaalaa (Makkaa)fi waarra moggaa ishee sodaachiftee, guyyaa wal ga’ii kan shakkii hin qabnes akka dinniintuuf Qur’aana Afaan Arabaa gara keetti beeksisa gooneGariin jannata seenu; gariin immoo ibidda keessa.
(8) Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isaan taasisa; garuu nama fedhe rahmata Isaa keessa galchaMiidhaa raawwattoota jaalallees ta’ee tumsaan isaaniif hin jiru.
(9) Moo Isaan ala jaalallee taasifatu? Rabbiin Isumatu jaalalleedhaIsumatu du’aas kaasaInni waan hunda irratti danda’aadha.
(10) Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma RabbiitiInni sun Allaahdha; Gooftaa kiyya; Isa irratti hirkadhe; garuma Isaattin deebi’as.
(11) (Inni) uumaa samiifi dachiitiLubbuu keessan irraa qindiiwwan (haadholee manaa) isiniif godhe; beyladoota irraas cimdii (kormaafi dhalaa isiniif taasise)Bifa kanaan isin baay’isaFakkaataan Isaa (Allaah) hin jiruInni dhaga’aa, argaadha.
(12) Furtuun samiifi dachii kan IsaatiNama fedheef kennaa bal’isa; (kan fedhe immoo itti) dhiphisaDhugumatti Inni waan hunda beekaadha.
(13) Amantii irraa waan Nuuhiif dhaameefi isa gara kee wahyii goone, waan Ibraahiim, Muusaafi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe[Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa jechuudhaWanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabates gara Isaatti qajeelcha.
(14) Erga beekumsi isaanitti dhufee booda sababaa jibbaa gidduu isaanii jiruuf malee adda hin babaaneOdoo jechi Gooftaa kee biraa hanga yeroo beekamaatti dabre jiraachuu baatee, silaa gidduu isaaniitti murtaa’a tureWarri isaan booda kitaaba dhaalchifaman isa irraa shakkii cimaa keessa jiru.
(15) Kanaafuu (tokkummaa) sanatti waamiAkkuma ajajamtetti (haqa irratti) gadi dhaabbadhuFedhii isaanii hin hordofin“Kitaaba irraa waan Rabbiin buusetti amaneera; gidduu keessanitti haqa murteessuus ajajameeraAllaahn Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessaniNuuf hojii keenyatu jira; Isiniifis hojii keessantu jiraGidduu keenyaafi keessanitti mormiin hin jiruRabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) gidduu keenya walitti qabaDeebiinis garuma Isaatti” jedhi.
(16) Warri erga Isaaf (Rabbiif) owwaatamee booda, (diin) Rabbii keessatti falman ragaan isaanii Gooftaa isaanii biratti kuftuudhaDallansuun Rabbii isaan irra jira; adabbiin cimaanis isaaniif jira
(17) Rabbiin Isa kitaabaafi madaala haqaan buuseedhaQiyaaman dhihoo ta’uun ni kajeelamaa maaltu si beeksise?!
(18) Isaan isheetti hin amanin ishee jarjarfatuIsaan amanan (garuu) ishee irraa sodaatu; haqa ta’uu ishees ni beekuDhagayaa! Isaan Qiyaamaa keessatti falmanu jallina fagoo keessa jiru.
(19) Rabbiin gabroota Isaatiif akkaan rahmata godhaNama fedhes ni sooraInni jabaa injifataadha.
(20) Nama mindaa Aakhiraa fedha ta’e mindaa isaa keessatti isaaf daballaNama mindaa addunyaa fedha ta’es ishee irraa isaaf kenninaAakhiraatti immoo qoodni isaaf hin jiru.
(21) Sila shariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama tureMiidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira
(22) Miidhaa raawwattoota waan hojjatan irraa odoma isaanitti bu’uu taa’uu kan sodaatan ta’uu argitaIsaan amananii, toltuu hojjatan immoo caffeewwan jannataa keessa jiraatu; isaaniif Gooftaa isaanii bira waan fedhantu jiraKun isumatu tola guddaadha
(23) Kun isa Rabbiin gabroota Isaa isaan amananii, toltuu hojjatan ittiin gammachiisuudha“Isa (Qur’aana) irratti jaalala firummaa malee mindaa isin hin gaafadhuNama toltuu hojjate ishee (toltuu) keessatti gaarii isaaf daballaRabbiin araaramaa, galateeffataadha
(24) Rabbi irratti soba uume jedhuu? Rabbiin immoo yoo fedhe onnee kee irratti cufeeti dhara haqee haqa jecha Isaatiin mirkaneessaInni waan qoma keessa jiru beekaadha.
(25) Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha.



42 - Ash-Shura 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 52879
العمر : 72

42 - Ash-Shura Empty
مُساهمةموضوع: رد: 42 - Ash-Shura   42 - Ash-Shura Emptyالجمعة 23 سبتمبر 2022, 5:53 pm


(26) Isaan amananii toltuu dalaganiif ni owwaataToltuu Isaa irraas isaaniif dabalaKaafiroonni isaaniif adabbii cimaatu jira
(27) Rabbiin gabroota Isaatiif kennaa odoo bal’isee, silaa dachii keessatti daangaa dabru turanGaruu waan fedhe qixa sirrii ta’een buusaInni gabroota Isaa keessa beekaa, argaadha.
(28) Inni Isa erga abdii kutatanii, bokkaa buusuufi rahmata Isaa babal’isuudhaInni gargaaraa, faarfamaadha
(29) Samii torban, dechiifi lubbu qabeeyyii isaan lamaan keessa facaase uumuun mallattoolee Isaa irraayyiInni yeroo fedhetti walitti isaan qabuu irrattis danda’aadha.
(30) Hamtuu irraa wanti isin tuqe waanuma harki keessan hojjatteefi; baay’ees dhiifama godha.
(31) Isinis dachii keessatti Rabbi duraa bahoo mitiRabbiin ala jaalalleefi tumsaanis isiniif hin jiru.
(32) Dooniiwwan akka tabbaa kan galaana keessa yaa’anis mallattoolee Isaa irraayi;
(33) Yoo fedhe qilleensa cal’isiiseeti dugda isaa irra tattaa’oo ta’u turanKana keessa warra akkaan obsanii, galatoomfatan hundaaf mallattooleetu jira.
(34) Yookiin waan isaan hojjataniin isaan balleessa; baay’ees dhiifama godha
(35) Isaan keeyyattoota keenya keessatti falman bakka itti daban dhabuu isaanii akka beekaniif (isaan balleesse).
(36) (Qabeenya) irraa wanti isin kennamtan kamiyyuu meeshaa jireenya addunyaatiWaan Rabbiin bira jiruutu isaan amananii, Gooftaa isaanii irratti hirkataniif caalaafi hafaadha.
(37) Isaan warra dilii gurguddaafi gochaalee fokkatoos irraa fagaatanii, yeroo dallananis dhiifama godhaniidha.
(38) Isaan warra Gooftaa isaaniitiif owwaatanii, salaataas sirnaan sagadanii, kan dhimmi isaanii jidduu isaaniitti wal marii ta’ee, waan nuti isaaniif kennine irraas arjoomaniidha.
(39) Isaan warra yeroo miidhaan isaan qunname (haqaan) haaloo bahataniidha.
(40) Galanni hamtuu hamtuma akka isheetiNamni dhiifama godhee, (hariiroos) tolche galanni isaa Rabbi irra jiraInni (Allaahn) miidhaa hojjattoota hin jaallatu.
(41) Namni erga miidhamee booda haaloo bahates, isaan sun diliin isaan irra hin jiru
(42) Komiin kan jiru isaan namoota miidhanii, haqaan ala dachii keessatti daangaa dabran irrattiIsaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.
(43) Namni obsee irra dabre, dhugumatti sun dhimmoota gurguddoo irraayi.
(44) Nama Rabbiin jallise, Isa booda qajeelchaan isaaf hin jiruMiidhaa raawwattoota, yeroo adabbii argan gaabbanii kan “karaan (gara dachii) ittiin deebi’amu jiraa?” jedhan argita.
(45) Salphina irraa sodaan guutamanii ija laafaan ilaalaa ishee (jahannam) irra kan fidaman isaan argitaIsaan amanan immoo “hoonga’oonni isaan Guyyaa Qiyaamaa lubbuu isaaniitiifi maatii isaanii hoonga’aniidha” jedhuDhagayaa! Miidhaa hojjattoonni adabbii yeroo hundaa keessa jiraatu.
(46) Gargaartonni kamiyyuu kan Rabbiin ala isaaniif tumsan isaaniif hin jiruNama Rabbiin isa jallise karaan (ittiin qajeelu) isaaf hin jiru.
(47) Guyyaan namni isa deebisuu danda’u hin jirre sun Rabbi irraa odoo isinitti hin dhufin dura Rabbii keessaniif owwaadhaaGuyyaa san hirkoon homaatuu isiniif hin jiruMormiinis isiniif hin jiru.
(48) Yoo (dhugaa irraa) garagalanis, tiksaa goonee isaan irratti si hin ergineKan sirra jiru (ergaa) geessuu qofaNuti yeroo nama rahmata Nu biraa ta’e dhandhamsiifne, isheetti gammadaYoo hamtuun waan harki isaanii hojjatteef isaan tuqxe, dhugumatti, namni kufrii baay’isa.
(49) Mootummaan samiifi dachii kan RabbiitiWaan fedhe uumaNama fedheef dubara kenna; nama fedheef immoo dhiira kenna.
(50) Yookiin dhiiraafi dubara makaa kennaNama fedhe immoo maseena godhaInni beekaa, danda’aadha.
(51) Namaaf Rabbiin isa dubbisuun, wahyiin yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee hin taaneInni ol aanaa, ogeessa.
(52) Akkasumas Qur’aana ruuhii keenya irraa ta’e gara keetti wahyii gooneKitaabaafi iimaanni maal akka ta’an kan beektu hin turreGaruu ifaa gabroota keenya irraa nama feene ittiin qajeelchinu isa gooneAtis gara karaa qajeelaatti ni qajeelchita.
(53) Karaa Rabbii wanti samii keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru hundi kan Isaa ta’ee (ni qajeelchita)Dhagayaa! Dhimmi hundi garuma Rabbiitti deebi’a.



42 - Ash-Shura 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
 
42 - Ash-Shura
الرجوع الى أعلى الصفحة 
صفحة 1 من اصل 1
 مواضيع مماثلة
-
» Ash-Shura
» Ash-shûrâ
» Ash-shûrâ
» Ash-Shura
» Ash-Shura

صلاحيات هذا المنتدى:لاتستطيع الرد على المواضيع في هذا المنتدى
منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers :: (English) :: The Holy Quran is translated :: Oromo-
انتقل الى: