منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers

(إسلامي.. ثقافي.. اجتماعي.. إعلامي.. علمي.. تاريخي.. دعوي.. تربوي.. طبي.. رياضي.. أدبي..)
 
الرئيسيةالأحداثأحدث الصورالتسجيل
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه) (فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)


IZHAR UL-HAQ

(Truth Revealed) By: Rahmatullah Kairanvi
قال الفيلسوف توماس كارليل في كتابه الأبطال عن رسول الله -صلى الله عليه وسلم-: "لقد أصبح من أكبر العار على أي فرد مُتمدين من أبناء هذا العصر؛ أن يُصْغِي إلى ما يظن من أنَّ دِينَ الإسلام كَذِبٌ، وأنَّ مُحَمَّداً -صلى الله عليه وسلم- خَدَّاعٌ مُزُوِّرٌ، وآنَ لنا أنْ نُحارب ما يُشَاعُ من مثل هذه الأقوال السَّخيفة المُخْجِلَةِ؛ فإنَّ الرِّسَالة التي أدَّاهَا ذلك الرَّسُولُ ما زالت السِّراج المُنير مُدَّةَ اثني عشر قرناً، لنحو مائتي مليون من الناس أمثالنا، خلقهم اللهُ الذي خلقنا، (وقت كتابة الفيلسوف توماس كارليل لهذا الكتاب)، إقرأ بقية كتاب الفيلسوف توماس كارليل عن سيدنا محمد -صلى الله عليه وسلم-، على هذا الرابط: محمد بن عبد الله -صلى الله عليه وسلم-.

يقول المستشرق الإسباني جان ليك في كتاب (العرب): "لا يمكن أن توصف حياة محمد بأحسن مما وصفها الله بقوله: (وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَالَمِين) فكان محمدٌ رحمة حقيقية، وإني أصلي عليه بلهفة وشوق".
فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ على سائر البُلدان، كما فَضَّلَ بعض الناس على بعض والأيام والليالي بعضها على بعض، والفضلُ على ضربين: في دِينٍ أو دُنْيَا، أو فيهما جميعاً، وقد فَضَّلَ اللهُ مِصْرَ وشَهِدَ لها في كتابهِ بالكَرَمِ وعِظَم المَنزلة وذَكَرَهَا باسمها وخَصَّهَا دُونَ غيرها، وكَرَّرَ ذِكْرَهَا، وأبَانَ فضلها في آياتٍ تُتْلَى من القرآن العظيم.
(وما من كاتب إلا سيبلى ** ويبقى الدهر ما كتبت يداه) (فلا تكتب بكفك غير شيء ** يسرك في القيامة أن تراه)

المهندس حسن فتحي فيلسوف العمارة ومهندس الفقراء: هو معماري مصري بارز، من مواليد مدينة الأسكندرية، وتخرَّجَ من المُهندس خانة بجامعة فؤاد الأول، اشْتُهِرَ بطرازهِ المعماري الفريد الذي استمَدَّ مَصَادِرَهُ مِنَ العِمَارَةِ الريفية النوبية المَبنية بالطوب اللبن، ومن البيوت والقصور بالقاهرة القديمة في العصرين المملوكي والعُثماني.
رُبَّ ضَارَّةٍ نَافِعَةٍ.. فوائدُ فيروس كورونا غير المتوقعة للبشرية أنَّه لم يكن يَخطرُ على بال أحَدِنَا منذ أن ظهر وباء فيروس كورونا المُستجد، أنْ يكونَ لهذه الجائحة فوائدُ وإيجابيات ملموسة أفادَت كوكب الأرض.. فكيف حدث ذلك؟!...
تخليص الإبريز في تلخيص باريز: هو الكتاب الذي ألّفَهُ الشيخ "رفاعة رافع الطهطاوي" رائد التنوير في العصر الحديث كما يُلَقَّب، ويُمَثِّلُ هذا الكتاب علامة بارزة من علامات التاريخ الثقافي المصري والعربي الحديث.
الشيخ علي الجرجاوي (رحمه الله) قَامَ برحلةٍ إلى اليابان العام 1906م لحُضُورِ مؤتمر الأديان بطوكيو، الذي دعا إليه الإمبراطور الياباني عُلَمَاءَ الأديان لعرض عقائد دينهم على الشعب الياباني، وقد أنفق على رحلته الشَّاقَّةِ من مَالِهِ الخاص، وكان رُكُوبُ البحر وسيلته؛ مِمَّا أتَاحَ لَهُ مُشَاهَدَةَ العَدِيدِ مِنَ المُدُنِ السَّاحِلِيَّةِ في أنحاء العالم، ويُعَدُّ أوَّلَ دَاعِيَةٍ للإسلام في بلاد اليابان في العصر الحديث.


 

 15 - Al-Hijr

اذهب الى الأسفل 
كاتب الموضوعرسالة
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 51891
العمر : 72

15 - Al-Hijr Empty
مُساهمةموضوع: 15 - Al-Hijr   15 - Al-Hijr Emptyالأربعاء 21 سبتمبر 2022, 9:02 pm

15 - Al-Hijr
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Alif Laam RaaIsheen kun keewwattoota kitaabichaatiifi Qur’aana (waan hunda) ifa baasaa ta’eeti

(2) Isaan kafaran (Guyyaa Qiyaamaa) odoo Muslimoota ta’anii baay’ee hawwu!

(3) Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi(Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.

(4) Beellamni beekamaan isheef jiraatu malee (warra) magaalaa tokkollee hin balleessine.

(5) Ummanni tokkollee beellama ishee hin dursitu, boodas hin aansamanu.

(6) “Yaa isa zikriin (Qur’aanni) isa irratti buufame! dhugumatti ati maraataadha” jedhan.

(7) Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate, maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan).

(8) Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnuYoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane.

(9) Dhugumatti, Nuti Zikrii Numatu buuseNumatu isaaf tiksoodha.

(10) Dhugumatti, Nuti siin duratti ummattoota duraanii keessatti (ergamtoota) erginee jirra.

(11) Ergamaan tokkos isatti kan qishinan ta’anii malee isaanitti hin dhufne

(12) Akka kanatti onnee yakkamtootaa keessa isa (sobsiisuu) seensifna.

(13) Isatti hin amananuDhugumatti, gochi (adabbiin) warra duraanii dabartee jirti (wanti isaan tuqe isaan kanas ni tuqa)

(14) Odoo balbala samii irraa ta’e isaan irratti bannee, ishee keessa kan ol ba’an ta’anii;

(15) Silaa “ijuma keenyatu cufameInumaa nuti ummata sihriin itti godhameedha” jedhu.

(16) Nuti dhugumatti samii keessattis urjiilee gugurdaa taasifnee, namoota ilaalaniif ishee miidhagsinee jirra.

(17) Sheyxaana darbatamaa hunda irraas ishee tiiksine.

(18) Isa dhageettii hatee qaanqeen ifabahaa ta'e isa hordofe malee,

(19) Dachiis Nuti ishee diriirsinee jirraGaarreenis ishee keessati goonee jirraWanta madaalamaa ta’e hunda irraas ishee keessatti magarsinee jirra.

(20) Ishee keessatti waan ittiin jiraattaniifi waan isin isaan hin soorre (beyladoota) isiniif goone.

(21) Kuusaaleen isaa Nu biratti ta’u male Wanti tokkos hin taane; Hanga beekaamaadhaan malee isa hin buufnu.

(22) Baadhattuuwwan (duumessaa) taasifnee bubbeewwan erginee jirraSamii irraas bishaan buufnee isa isin obaafnee jirra(Nutu isiniif kuusa malee) isin isa (kuusuu irratti) danda’oo hin taane.

(23) Nuti dhugumatti lubbuu Numatu jiraachisee ajjeesasNumatu dhaaltotas.

(24) Dhugumatti Nuti isin irraa warren darban beekneerraWarren boodaas dhugumatti beeknee jirra

(25) Dhugumatti Gooftaan kee Isumatu walitti isaan qaba; Inni ogeessa, beekaadha



15 - Al-Hijr 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 51891
العمر : 72

15 - Al-Hijr Empty
مُساهمةموضوع: رد: 15 - Al-Hijr   15 - Al-Hijr Emptyالأربعاء 21 سبتمبر 2022, 9:03 pm


(26) Dhugumatti Nuti nama (Aadamiin) suphee dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumne

(27) Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne.

(28) Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha.

(29) Yeroo Ani isa sirreessee ruuhii (uumaa) kiyya irraa ta’e isa keessatti afuufe, kan sujuuddan ta’aatii isaaf kufaa

(30) Maleeykonni hundi walumaa galatti sujuuda bu’an.

(31) Garuu Ibliis warra sujuuda bu’an irraa ta’uu ni dide.

(32) (Rabbiin) “Yaa Ibliis! Maaliif warra sujuuda bu’an irraa ta’uu didde?” jedhee

(33) [Inni] “Ani nama Ati suphee (faara) dhoqqee jijjiiramaa ta’e irraa uumteef sujuuda hin bu’u” jedhe

(34) (Rabbiinis) “ishee irraa ba’i; Ati dhugumatti darbamaadha.

(35) Dhugumatti hanga Guyyaa Murtiitti abaarsi sirra jira.”

(36) “Gooftaa kiyya! Hanga guyyaa kaafamaatti na tursiisi” jedhe.

(37) (Rabbiinis) “Dhugumatti, ati tursiifamtoota irraayi” jedhe.

(38) “Hanga guyyaa yeroo beekaamaatti.”

(39) (Ibliis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! na jallisuu keetiin kakadhee, dhugumatti dachii keessatti (karaa jallinaa) isaaniif miidhagseen walumaa galatti isaan jallisa

(40) Gabroota kee irraa qulqulleeffamoota isaan ta’an malee.

(41) (Rabbiinis) ni jedhe: “Kun karaa qajeelaa (isa eeguun) narratti ta’eedha

(42) Jallattoota irraa warra si hordofan malee dhugumatti, gabroota kiyya irratti dandeettiin tokkoyyuu siif hin jiru.

(43) Dhugumatti jahannam (isaafi hordoftoota isaatiif) walumaagalatti beellama isaaniiti.

(44) Isheedhaafis balbala torbatu jiraTokko tokkoon balbalaatiif isaan irraa qooda ramadamaatu jira.”

(45) Dhugumatti, warri (Rabbiin) sodaatan ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessa jiru.

(46) “Nagaan tasgabbaa’aa ishee seenaa” (jedhamaan).

(47) Obboleeyyan siree irratti walitti garagaggalan ta’anii jibbaa irraa waan qoma isaanii keessa jiru baafne

(48) Ishee keessatti dadhabbiin isaan hin tuquIsaanis ishee irraa hin baafamanu.

(49) “Ani dhugumatti Anatu araaramaa, rahmata godhaadha” jechuu gabroota kiyyatti odeessi.

(50) “Adabni kiyyas isatu adabbii laalessaadha” (jeechuus itti himi.)



15 - Al-Hijr 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 51891
العمر : 72

15 - Al-Hijr Empty
مُساهمةموضوع: رد: 15 - Al-Hijr   15 - Al-Hijr Emptyالأربعاء 21 سبتمبر 2022, 9:03 pm


(51) Keessummaa Ibraahiim irraas isaanitti odeessi

(52) Yeroo isa irratti seenanii, salaam jedhan (nagaa gaafatan) [Inni] “Dhugumatti, nuti isin irraa sodaatoodha” jedheen

(53) “Hin sodaatinNuti ilma beekaa ta’een si gammachiifnaa” jedhan.

(54) “Sila dullumni na tuquu wajjin na gammachiiftuu? Maaliin na gammachiiftu?” jedheen.

(55) “(Nuti) dhugamaan si gammachiifne; Abdii kutattoota irraa hin ta’in” jedhaniin

(56) “Jallattoota malee Rahmata Gooftaa isaa irraa eenyutu abdii kutata?” jedhe.

(57) “Isin yaa warra ergamtootaa! Dhimmi (haalli) keessan maali?” jedheen.

(58) “Nuti dhugumatti, gara ummata yakkamtootaatti ergamne” jedhan.

(59) “Garuu maatii Luux dhugumatti, nuti hunduma ta’anii isaan baraarsoodha.”

(60) “Niitii isaa malee; Nuti (adaba keessatti) haftoota irraa ta’uu ishee murteessine.”

(61) Yeroma ergamoonni maatii Luuxitti dhufanu

(62) “Dhugumatti, isin ummata wallaalamoodha” jedhe.

(63) “Dhugumatti nuti waan isaan isa keessatti shakkaa turaniin sitti dhufne” jedhan.

(64) “Dhugaadhaan sitti dhufneDhugumatti nuti dhugaa dubbattoota.

(65) Cittuu halkan irraa taateen maatii keetiin deemi; Duuba isaanii hordofiIsin irraa namni tokkos of duuba hin mil’atin; gara iddoo ajajamtaniis deemaa.”

(66) “Ajaja sanas xumurri warra sanii bariifattoota ta’anii kutamaadha” jechuun gara isaatti murteessine

(67) Jiraattonni magaalaas kan wal gammachiisan ta’anii dhufan.

(68) (Luuxis ni jedhe): “Dhugumatti, isaan kun keessumoota kiyyaa, nan saaxilinaa” jedhe

(69) “Rabbiin sodaadhaa; anas hin xiqqeessinaa.”

(70) (Namoonni magaalattiis) “Sila nuti aalama (keessummeessuu) irraa si hin dhorginee?” jedhan.

(71) (Luuxis) ni jedhe: “kun shamarran kiyya, Yoo kan raawwattan taataniif (isaan fuudhaa).”

(72) (Yaa Muhammad!) Jireenya keetti kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.

(73) Biiftuun isaanitti kan baatu ta’anii iyyattiin isaan qabatte

(74) Gubbaa ishee jala ishee taasifnee, dhagaa xuubii (dhoqqee gubame) irraa ta’e isaanitti roobsine

(75) Dhugumatti, kana keessa xiinxaltootaaf mallattooleetu jira.



15 - Al-Hijr 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn
مؤسس ومدير المنتدى
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn


عدد المساهمات : 51891
العمر : 72

15 - Al-Hijr Empty
مُساهمةموضوع: رد: 15 - Al-Hijr   15 - Al-Hijr Emptyالأربعاء 21 سبتمبر 2022, 9:03 pm


(76) Dhugumatti, isheen (magaalattiin) daandii qajeelaa irra jirti.

(77) Dhugumatti, kana keessa mu’uminootaaf mallattootu jirti.

(78) Dubbiif, warri bosonaa dhugumatti miidhaa raawwattoota ta’an.

(79) Haaloo isaan irraa ba’anneDhugumatti, isaan lamaanuu daandii ifa ta’e irra jiru.

(80) Dhugumatti jiraattonni Hijris ergamtoota kijibsiisaniiru.

(81) Mallattoolee keenyas isaaniif kenninee, isaan irraa garagaloo ta’an.

(82) Of amanoo ta’anii gaarreen irraas manneen isaanii uraa turaniiru

(83) Bariifatoo ta’anii iyyansi isaan qabatte

(84) Wanti isaan hojjataa turan isaan irraa homaa hin deebifne.

(85) Samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii dhugaadhaan malee hin uumneDhugumatti Qiyaamaanis dhuftuudhaIrraa gara galuu gaarii ta’e gara gali.

(86) Rabbiin kees isatu akkaan uumaa, beekaadha

(87) Dhugumatti Nuti deddeebi’aa irraa torbaafi Qur’aana guddaa siif kenninee jirra

(88) Gara waan nuti garee isaan (kaafiroota) irraa ta’an ittiin qanansiifnee ija kee lamaan hin diriirsin; Isaan irrattis hin gaddin; kooluu ija keetiis Mu’uminootaaf gadi qabi

(89) “Dhugumatti ani, anatu sodaachisaa ifa galaadha” jedhi.

(90) Akkuma qoqqooddattoota irratti buufne

(91) Isaan Qur’aana garee taasisan (gariitti amananii garitti kafaran).

(92) Gooftaa keetti kakannee! dhugumatti hunda isaanii ni gaafanna.

(93) Waan isaan dalagaa turan irraa

(94) Waan itti ajajamte ifatti labsi; Mushrikoota irraas garagali.

(95) Dhugumatti, warra sitti qishnan siif geenyeerra.

(96) (Isaan) warra Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa godhan; fuulduratti beeku.

(97) Dhugumatti waan isaan jedhanuun qomni kee rakkachuu ni beekna.

(98) Gooftaa kee faarsuu wajjin Isa qulqulleessiWarra sujuudan irraas ta’i

(99) Hanga dhugaan (duuti) sitti dhufutti Gooftaa kee gabbari.



15 - Al-Hijr 2013_110
الرجوع الى أعلى الصفحة اذهب الى الأسفل
https://almomenoon1.0wn0.com/
 
15 - Al-Hijr
الرجوع الى أعلى الصفحة 
صفحة 1 من اصل 1

صلاحيات هذا المنتدى:لاتستطيع الرد على المواضيع في هذا المنتدى
منتديات إنما المؤمنون إخوة (2024 - 2010) The Believers Are Brothers :: (English) :: The Holy Quran is translated :: Oromo-
انتقل الى: