| | 12 - Yusuf | |
| | كاتب الموضوع | رسالة |
---|
أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 51891 العمر : 72
| موضوع: 12 - Yusuf الأربعاء 21 سبتمبر 2022, 8:56 pm | |
| 12 - Yusuf Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin (1) Alif Laam RaaKun keeyyattoota kitaaba ibsaa ta’eeti
(2) Nuti akka isin xiinxaltaniif jecha haala Qur’aana Arabiffaa ta’een isa buufne.
(3) Nuti Qur’aana kana gara keetti beeksisuudhaan seenaa gaggaarii sirratti odeessinaAtis isa dura dagattoota irraa turte.
(4) Yeroo Yuusuf abbaa isaatin “Yaa abbaa kiyya! Ani (abjuudhaan) urjiiwwan kudha tokko, aduufi ji’a argeera; kan anaaf sujuuda godhan ta’anii isaan argeen jira” jedhe [yaadadhu]
(5) (Abbaan isaas) ni jedhe: “Yaa ilma kiyya! Tooftaa (dhara) sirratti baasuu abjuu kee obboleeyyan keetti hin himinDhugumatti, sheyxaanni namaaf diina ifa bahaadha.
(6) Akka kanatti Gooftaan kee si filata; hiikkaa manaamaas si barsiisa; ni’imaa Isaas akkuma kana dura abbootii kee Ibraahiimiifi Isihaaq irratti guute sirrattiifi maatii Ya’aquub irrattis ni guutaDhugumatti, Gooftaan kee beekaa, ogeessa.”
(7) Dhugumatti, (seenaa) Yuusufiifi obboleeyyan isaa keessa warreen gaafataniif mallattootu jira.
(8) Yeroo (obboleeyyan Yuusuf) jedhan: “Dhugumatti, odoo nuti garee taanee jirru Yuusufiifi obboleessi isaa nurra gara abbaa keenyaatti jaalatamoodhaDhugumatti, abbaan keenya dogoggora ifa bahaa keessa jira.
(9) Yuusufiin ajjeesaa; yookiin dachii (fagootti) isa gataa; fuulli abbaa keessanii isiniif dhuunfaa ta’aSana booda ummata gaggaarii taatu” (waliin jedhan)
(10) Isaan irraa jedhaan tokko ni jedhe: “Yuusufiin hin ajjeesinaatii yoo kan dalagdan taataniif akka gariin daldaltoota karaa dheeraa deemu isa fudhatu hundee boollaa (eela) keessatti isa gataa.”
(11) Ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! Sila ati maaliif Yuusuf irratti nu hin amanne? Nutis isaaf tola yaadoodha
(12) Haa bashannanuu, haa taphatuu boru nu waliin isa ergi; dhugumatti, nutis isaaf tiksitoota.”
(13) (Ya’aquub) ni jedhe: “Isa fuutanii deemuun keessan na gaddisiisaIsinis isa irraa dagatoo taatanii yeyyiin isa nyaachuun sodaadha.”
(14) [Isaan] ni jedhan: “Odoo nuti garee taanee jirruu yoo yeyyiin isa nyaatteef, dhugumatti nuti yeroo san hoongoftoota.”
(15) Yeroma deemanii boolla gadi fageenya qabu keessatti isa gatuuf walii galan (isa darban)Nutis “dhugumatti, ati dhimma isaanii kana odoo isaan (si) hin beekin isaanitti himta” jechuun gara isaatti beeksifne.
(16) Isaanis galgala booyaatiin abbaa isaanii bira dhufan
(17) “Yaa abbaa keenya! Nuti wal dorgomuuf Yuusufiin meeshaa keenya biratti dhiifnee deemneYomasan yeyyiin isa nyaateOdoma nuti warra dhugaa dubbatan taaneeyyuu ati nuuf kan amantuu miti” jedhan
(18) Qamisa isaa irrattis dhiiga sobaatiin dhufan(Yaaquub) ni jedhe: “Lakkisaa; Lubbuu keessantu dubbii (sobaa) isiniif miidhagsiteObsi kiyya obsa gaariidhaWaan isin jettan kana irrattis gargaarsifatamaan Rabbi qofa.”
(19) Kara deemtonnis (daldaaltoonnis) dhuftee nama isaaniif bishaan waraabu erganii baaldii isaa (boolla keessa) gadi buuse“Yaa gammachuu! Kuni mucaa dargaggeessa” jedheMeeshaa godhanii isa dhoksanRabbiin waan isaan hojjatan hunda beekaadha.
(20) Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguranIsa keessattis warra dhimma isaa hin qabne irraa ta’an.
(21) Inni Misra irraa isa bites niitii isaatiin ni jedhe: “nu fayyaduun yookiin ilma isa taasifachuun keenya ni kejeelamaa (iddoo) qubsuma isaa kabaji.” (Akka bulchaa isa goonuu)fi hiikoo manaamaas isa barsiifnuuf jecha akka kanatti Yuusufiif dachii keessa mijjeessineRabbiinis dhimma Isaa irratti injifataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
(22) Yeroo inni jabummaa (qaama) isaa ga’u, ogummaafi beekumsa isaaf kennineAkka kanattis toltuu hojjattoota mindeessina.
(23) Isheen inni mana ishee keessa jirus (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa barbaaddeHulaalees ni cuccufte“Ani siif qophaa’eeraa kottu” jette“Ani Rabbitti maganfadha! Inni (dhiirsi kee) gooftaa kiyya; jireenya kootis naaf tolchee jiraDhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaayanu” jedheen
(24) Dhugumatti, isheen isatti yaaddee jirtiOdoo ragaa Gooftaa isaa arguu baatee innis isheetti yaadee tureAkka kanatti hamtuufi hojii fokkataa isa irraa deebisuuf (ragaa keenya isa agarsiifne)Dhugumatti, inni gabroota keenya qulqulleeffamoo irraayyi.
(25) (Isaan lamaan) gara balbalaa wal dorgomanIsheenis qamiisa isaa gara duubatiin kutteLamaanuu balbala biratti gooftaa (dhirsa) ishee arganIsheen ni jette: “Mindaan nama warra (niitii) keetti hamtuu yaadee hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee homaa hin taane.”
|
| | | أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 51891 العمر : 72
| موضوع: رد: 12 - Yusuf الأربعاء 21 سبتمبر 2022, 8:57 pm | |
| (26) Inni (Yuusuf) ni jedhe: “Isheetu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu kiyya irra na barbaaddeRagaa ba’aan maatii ishee irraa ta’e tokkos (akkana jechuun) ragaa ba’e: “Yoo qamiisni isaa gara duraatiin baqaqfame, isheen dhugaa jettee inni sobdoota irraayi
(27) Yoo qamiisni isaa gara duubaatiin baqaqfame, isheen ni sobdee inni dhugaa dubbattoota irraayi.”
(28) Yeroma qamiisni isaa gara duubatiin kan baqaqfame ta’uu argu, (dhirsi ishee) ni jedhe: “Dhugumatti, inni kun tooftaa keessan (dubartootaa) irraayyiDhugumatti, tooftaan keessan guddaadha
(29) Yuusuf kana irraa garagaliAti (dubartittiin) immoo badii keetiif araarama kadhuDhugumatti, ati warreen dogoggoran irraa taatee jirta.”
(30) Dubartoonni magaalattii keessa jiranis ni jedhan: “Niitiin mootichaa gabra ishee (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feeteJaalalli isaas onnee ishee gubee jiraDhugumatti, nuti jallina ifa ta’e keessatti ishee agarra.”
(31) Yeroma hamii isaanii dhageessu, gara isaaniitti ergiteNyaatas isaaniif qopheessiteTokko tokkoon isaaniitiifis hablee (billaa) ni kenitte“Isaan irratti gadi bahi” jetteYeroma isa argan isa dinqisiifatanHarka isaaniis kukkutan“Rabbiin qulqulaa’ee inni kun namaa mitiInni kun maleykaa gaariidha malee waan biraatii miti” jedhan
(32) (Isheenis) ni jette: “kun isa isin isa irratti na komattaniidhaAnumatu (qunnamtii saalaatiif) lubbuu isaa irraa isa feenaan dideYoo inni waan ani isa ajaju dalaguu dide Dhugumatti ni hidhama; Salphattoota irraas ni ta’a” jette
(33) [Inni] “Gooftaa kiyya! Hidhaatu waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaalatamaadhaYoo Ati tooftaa isaanii narraa deebifte malee, ani gara isaaniin daba; wallaaltota irraas nan ta’a” jedhe
(34) Kanaaf Gooftaan isaa isaaf awwaatee tooftaa isaaniis isarraa deebiseDhugumatti, Inni (Rabbiin) Isatu dhaga’aa, beekaadha
(35) Sana booda erga mallattoowwan (qulqullummaa isaa mul’isu) arganii, yeroo murtaa’eef isa hiina jechuutu isaaniif mul’ate
(36) Isa waliin dargaggeessi lamas mana hidhaa seenaniTokkoon isaanii ni jedhe: “ani (abjuudhaan) kanin farsoo cuunfun of arge.” Inni biraa immoo ni jedhe: “ani mataa kiyya gubbaatti daabboo baadhee kan allaattiin isa irraa nyaattun arge.” “Gaarii hojjattoota irraa ta’uu kee arginaa hiika isaa nutti himi.”
(37) (Yuusuf) ni jedhe: “nyaanni isin isa nyaattan odoo inni isinitti hin dhufin dura hiika isaa isin lamaanitti himu malee isinitti hin dhufu; Kun wantoota Gooftaan kiyya na barsiise irraayyiDhugumatti, ani amantii (karaa) ummata Rabbitti hin amannee isaanis Aakiraatti kaafiroota ta’anii dhiiseera.
(38) Amantii abboota kiyya Ibraahiim, Isihaaqiifi Ya’aquubis hordofeeraWaan tokkos Rabbitti qindeessuun nuuf hin taaneKuni tola Rabbii kan nuufi namoota (hunda) irra jiruudhaGaruu irra hedduun namootaa (Rabbiin) hin galateeffatanu.
(39) Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa baay’ee moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala?
(40) Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanuRabbiin ishee (gabbaruu)tti ragaa tokkos hin buufne; murtiin Rabbiif malee eenyuufuu hintaaneIsa malees akka hin gabbarre ajajeeraKun amantii gadi dhaabbataadhaGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
(41) Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasaInni biraa immoo fannifameeti allaattiin mataa isaa irraa nyaattiDhimmi inni isin isa keessatti hiika gaafattan murtaa’ee jira.”
(42) Issaan lamaan keessaa isa (nagaa) baha jedhee yaadeen “Gooftaa kee biratti na dubbadhu” jedheenGooftaa isaatti dubbachuu sheyxaanni isa dagachiiseWaggaa muraasa mana hidhaa keessa ture
(43) Mootichis ni jedhe: “Dhugumatti, ani sa’oota gabbataa ta’an torba kan (sa’oonni) huqqatoo ta’an torba nyaatan, akkasumas sootalloo (mataa midhaanii) magariisa torbaafi kan biraas gogaa (torba) abjuu keessatti argeeraYaa qondaaltota (kiyya)! yoo kan manaama hiiktanu taataniif manaama kiyya kana naaf hiikaa.”
(44) “(Kuni) bursusa (yaacoo) manaamaatiNutis hiika bursusaa kan beeknu hin taane” jedhani.
(45) Inni isaan lamaan (mana hidhaa keessa turan) irraa nagaa ba’eefi yeroo dheeraa booda (Yuusufiin) yaadatee ni jedhe: “Anatu hiika isaa isinitti himaa na ergaa.” (Gara Yuusufis ni deeme)
(46) (Innis ni jedhe): “Yaa Yuusufii dhugaa dubbataa taate! Sa’oota gabbatoo torba kan (sa’oonni) huqqatoon torba isaan nyaataniifi sootalloo (mataa midhaanii) magariisaa torbaafi kan biraas gogaa (torba) hiika (abjuu kanaa) akka beekanuuf gara namaa deebi’ee isaanitti himuun koo ni kajeelamaa nuuf himi
(47) Ni jedhe: “Waggaa walitti aanan torbaaf akkuma barametti facaafattuXiqqoo waan irraa nyaattan malee waan oomishtan sootalloo isaa keessatti isa dhiisaa
(48) Ergasii san booda, xiqqoo waan kuuftanii malee waan isin isaaniif keessan hunda kan nyaatanu waggoota rakkinaa torbatu dhufa
(49) Ergasii sana booda waggaa isa keessa namoonni rooba argataniifi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa.”
(50) Mootichis “Isa natti fidaa jedhe.” Yeroma ergamaan (mootichaa) isatti dhufu, (Yuusuf) ni jedhe: “Gara gooftaa keetii deebi’ii ‘waa’een dubartoota harka isaanii muranii maali’ (jedhii) isa gaafadhuDhugumatti Gooftaan kiyya tooftaa isaanii beekaadha.”
|
| | | أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 51891 العمر : 72
| موضوع: رد: 12 - Yusuf الأربعاء 21 سبتمبر 2022, 8:57 pm | |
| (51) (Mootichis) “Yeroo Yuusufiin (qunn-amtii saalaatiif) lubbuu isaa irra isa barbaaddan haalli keessan maal ture” jedheen(Dubartoonnis) ni jedhan: “Rabbiin qulqullaa’ee hamtuu tokkollee isa irratti hin beeknu.” Niitiin mootichaas “Amma dhugaan ifa ta’eeraAnatu (qunnamtii saalaatiif) isa fedheDhugumatti, inni warreen dhugaa dubbatan irraayyi.”
(52) (Yuusufis) “kun (gooftaan kiyya) fagootti (bakka inni hin jirretti) akka an isa hin ganiniifi Rabbiin dhugumatti tooftaa gantootaa hin sirreessu jechuu akka beekuufi” (jedhe)
(53) “Lubbuu kiyyas hin qulqulleessuDhugumatti, nama Gooftaan kiyya rahmata godheef malee lubbuun hamtuutti ajajjuudhaDhugumatti, Gooftaan kiyya araaramaa, rahmata godhaadha.”
(54) Mootichis ni jedhe: “lubbuu kootiifan isa qulqulleessaa isaan natti kottaaYeroma isa (Yuusufiin) hasofsiisu, “Dhugumatti, ati har’a nu biratti mijjeeffataa amanamaadha” jedheen.
(55) (Yuusufis) “kuusaa dachii irratti (itti gaafatamaa) na taasisi; ani isa irratti eegaa beekaadha” jedhe.
(56) Akka kanatti ishee irraa bakka fedhe kan qubatu ta’ee Yuusufiif dachii keessatti mijjeessineRahmata keenyaan nama feene tuqnaMindaa warreen toltuu hojjataniis hin balleessinu.
(57) Dhugumatti, isaannan amananii (Rabbiin) sodaattota ta’aniif mindaa Aakiraatu caala.
(58) Obboleeyyan Yuusufis gara isaa dhufanii isa irratti seenanOdoo isaan isa wallaalanii jiranii inni isaan beeke.
(59) Yeroma waan geggeessaa isaanii isaaniif qopheesse ni jedhe: “Obboleessa keessan kan karaa abbaatiin ta’een natti kottaaSila caalaa keessummmessitootaa ta’ee safara guutuu koo hin argitanuu?
(60) Yoo isaan natti dhufuu baattan safarri na bira isiniif hin jiruNattis hin dhiyaatinaa.”
(61) [Isaan] “Nuti waa’ee isaa abbaa isaa ni gaafannaDhugumatti, nuti (dhimma kana) raawwatoodha.”
(62) Gabroota isaatiin “akka yeroo gara maatii isaanii deebi’an ishee beekanii deebi’aniif maallaqa isaanii fe’isa isaanii keessa kaa’aa”jedhe.
(63) Yeroma gara abbaa isaanii deebi’an ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! safarri (midhaanii) nurraa dhorgameeraObboleessa Kenya nuu wajjiin ergiNi safarannaNuti dhugumatti isaaf tiksoodha.”
(64) (Ya’aquub) ni jedhe: “Sila akkan duraan obboleessa isaa irratti isin amane malee isa irratti isin amanaa? Rabbiin eegaa ta’uutti caalaadhaInni irra rahmata godhaa warreen rahmata godhaniiti.”
(65) Yeroma meeshaa isaanii bananii maallaqa isaanii kan isaaniif deebi’e ta’uu arganis ni jedhan: “Yaa abbaa keenya! (kana caalaa) maal barbaanna? Isheen kuni maallaqa keenya; gara keenya deebifamteMaatii keenyaafis midhaan ni binnaObboleessa keenyas ni tiksinaFe’iinsa (ba’aa) gaalaa tokkoos ni dabalannaKun (mooticha biratti) safara xiqqoodha.”
(66) (Ya’aquub) ni jedhe: “Yoo (diinaan) marfamtan malee hanga akka isa deebiftanii naaf fiddanutti kakuu Rabbi irraa ta’e naaf kennitanitti isa isin wajjiin hin ergu.” Yeroma isaan kakuu isaanii isaaf kennan “Rabbiin waan nuti jennu irratti ragaadha” jedhe.
(67) Ni jedhe: “Yaa ilmaan kiyya! balbala tokkoon hin seeninaaBalbaloota adda addaatiin seenaaAnis (murtii) Rabbii irraa homaa isin irraa hin duroomsuDhugumatti, murtiin Rabbiif malee hin maluIsa (qofa) irratti hirkadheHirkattoonnis isuma (qofa) irratti haa hirkatan.”
(68) Yeroma isaan akkaataa abbaan isaanii isaan ajajeen seenanis, (murtii) Rabbii irraa homaa kan isaan duroomsu hin taaneGaruu dhimma lubbuu Ya’aquub keessa jiru ishee raawwateeraDhugumatti inni waan isa barsiifne irratti abbaa beekumsaatiGaruu irra hedduun namaa hin beekanu
(69) Yeroma isaan Yuusuf irra seenan obboleessa isaa (Ben-yaamiiniin) ofitti dhiheessee “Dhugumatti, ani anatu obboleessa keetii, waan isaan hojjachaa turanittis hin gaddin” jedhe.
(70) Yeroma meeshaa isaanii isaaniif qopheessu, safartuttii meeshaa obboleessa isaa keessa kaa’eSana booda “isin yaa daldaaltoota dhugumatti, hattoota” (jechuun) lallabaan lallabe.
(71) Isaanis, gara isaanii gara galuun, “Maal dhabdan?” jedheniin.
(72) Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideefis (badhaasa) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jiraAni kana irratti waadaa galaadha.”
(73) Isaanis ni jedhan: “Rabbitti kakannee! Akka nuti dachii keessatti badii raawwachuuf hin dhufin isinis beektaniittuNuti hattootas hin taane.”
(74) “Yoo sobdoota taataniif adabbiin isaa maal ta’a?” jedhaniin.
(75) Ni jedhan: “Adabni isaa namni inni meeshaa isaa keessatti argame isumatu (fudhamuutu) adabbii isaatiNuti akka kanatti isaan miidhaa (hanna) raawwatanu adabna.”
|
| | | أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 51891 العمر : 72
| موضوع: رد: 12 - Yusuf الأربعاء 21 سبتمبر 2022, 8:58 pm | |
| (76) Sakkatta’uus qalqalloo obboleessa isaa dura qalqalloo isaaniitiin jalqabeSana booda meeshaa obboleessa isaa keessaa ishee baaseAkka kanatti Yuusufiif tooftaa baafneOdoo Rabbiin Fedhuu baatee obboleessa isaa seera mootichaa keessatti kan fudhatu hin turreNama feene sadarkaa hedduu ol fuunaAbbootii beekumsaa hundaa olittuu beekaatu jira.
(77) Isaanis (obboleeyyan Yuusufis) ni jedhan: “Yoo hates, obboleessi isaas (Yuusufis) kana dura hatee ture.” Yuusuf ishee of keessa dhokseIsaaniifis ishee hin ibsine(Of keessattis) ni jedhe: “Isinumatu sadarkaan keessan gadheedhaRabbiinis waan isin jettan irra beekaadha.”
(78) Isaanis ni jedhan: “Yaa mootichaa! Dhugumatti, isaaf abbaa jaarsa manguddoo ta’etu jiraKanaaf bakka isaa tokkoon keenya fudhadhuNuti gaggaarii irraa ta’uu kee si argina.”
(79) Inni ni jedhe: “Nuti nama qabeenya keenya isa biratti argine malee fudhachuu irraa Rabbitti maganfannaDhugumatti, nuti yeroo san miidhaa hojjattoota.”
(80) Yeroma isa irraa abdii muratan, kan maryatan ta’anii kophaa ba’anGuddaan isaanii ni jedhe: “Sila dhugumatti abbaan keessan kakuu Rabbi irraa ta’e isin irratti qabachuufi kana duras Yuusuf irratti waan daangaa dabartan hin beektanuu? Kanaaf ani hanga abbaan kiyya naaf hayyamutti yookiin (hanga) Rabbiin dhimma kana naaf murteessutti dachii kana gadi hin dhiisuInnis irra caalaa warreen murtii kennaniiti.
(81) Gara abbaa keessanii deebi’aatii jedhaanii: “Yaa abbaa keenya! dhugumatti, ilmi kee ni hateNutis waan beekneen malee ragaa hin baaneNuti waan fagoo tiksaa hin taane
(82) (Namoota) magaalaa nuti ishee keessa turreefi daldaaltota nuti isaan wajjin dhufnes gaafadhuNuti dhugaa dubbatoodha.”
(83) (Ya’aquub) ni jedhe: “Lakkisaa; lubbuu keessantu waan tokko isiniif midhaagsite; (Obsi koo) obsa bareedaadhaRabbiin hunda isaanii naaf deebisuun ni kajeelamaDhugumatti, Inni Isumatu beekaa, ogeessa.”
(84) Isaan irraas gargalee “Yaa gadda kiyya! Yuusuf irratti” jedheYaaddoo irraa ijji isaa lamaanis addaatte; inni yaadaan guutamaadha.
(85) “Rabbitti kakannee! ati hanga manguddoo dadhabaa taatutti yookiin warra du’an irraa taatutti Yuusufiin dubbachuu irraa hin deemtu!” jedhan.
(86) (Ya’aquub) ni jedhe: “Ani yaaddoofi gadda kiyyas Rabbuma qofattin himadhaRabbi irraa waan isin hin beeknen beeka.
(87) Yaa ilmaan kiyya! deemaa Yuusufiifi obboleessa isaa irraa odeeffadhaaRahmata Rabbii irraas abdii hin muratinaaDhugumatti, ummata kaafiroota malee rahmata Rabbii irraa eenyullee abdii hin kutu.”
(88) Yeroma isa (Yuusuf) irra seenan “Yaa mootichaa! nuufi maatii keenyas rakkoon mudateeraMallaqa tuffatamtuun dhufnee safara nuuf guutii nurrattiis sadaqadhu” isaan jedhanDhugumatti, Rabbiin warreen sadaqatan ni mindeessa.
(89) (Yuusufis) “Sila waan Yuusufiifi obboleessa isaa irratti yeroo wallaaloo turtan hojjattan beektuu?” jedheen.
(90) [Isaan] “Sila dhugamatti ati Yuusufii?” jedhan[Inni] “Ani Yuusufi; inni kunis obboleessa kiyyaDhugumatti Rabbiin tola nutti ooleeraDhugumatti, namni (Rabbiin) sodaateefi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattootaa hin balleessu” jedhe.
(91) [Isaan]: “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, Rabbiin nurra si filatee jiraDhugumatti nuti dogoggortoota turre” jedhan.
(92) (Yuusufis) ni jedhe: “Har’a komiin isin irra hin jiru; Rabbiin isiniif araaramaInni irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti
(93) Qamisii kiyya kanaan deemaatii fuula abbaa kiyyaa irratti darbaa[Inni] argaa ta’ee dhufaMaatii keessan hundaanis natti kottaa.”
(94) Yeroma daldaltoonni (Misraan) gadi dhiiftu, abbaan isaanii “Odoo isin otontoraatti (totorra’aatti) na yaaduu dhabdanii ani foolii yuusufin argaa jira” jedhe
(95) [Isaan] “Rabbitti kakannee! Dhugumatti, ati jallinuma kee kan durii keessa jirta” jedhan.
(96) Gammachiisaan Yeroma dhufu fuula isaa (Ya’aquub) irratti isa darbeInnis kan argu ta’e“Ani Rabbi irraa waan isin hin beeknen beeka isiniin hin jennee?” jedhe
(97) [Isaan] “Yaa abbaa keenya! Dhugumatti, nuti dogoggortoota taanee jirraa badii keenyaaf (Rabbiin) araarama nuuf kadhu” jedhan
(98) (Ya’aquubis) “Ani fuul-duratti Gooftaa kiyya araarama isiniifin kadhaDhugumatti, Inni Isatu araaramaa, rahmata godhaadha” jedhe.
(99) Ergasii yeroo Yuusufiin bira seenan, haadhaafi abbaa isaa gara ofiitti qubsiise“Yoo Rabbiin fedhe nagayaan Misraan seenaa” jedhe
(100) Abbaafi haadha isaas siree irratti ol fuudheIsaanis sujuuda isaaf bu’an[Inni] ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! kun hiika manaama kiyyaa kan duraaniitiGooftaan kiyya dhugaa ishee taasiseeraErga shayxaanni anaafi obboleeyyan kiyya gidduutti diinummaa uumee booda yeroo ana mana hidhaa irraa baasee isinis baadiyaa irraa fidu dhugumatti, Gooftaan kiyya tola natti oolee jiraDhugumatti, Gooftaan kiyya nama fedheef mararfataadhaDhugumatti, Inni Isa qofatu beekaa, ogeessa.
|
| | | أحمد محمد لبن Ahmad.M.Lbn مؤسس ومدير المنتدى
عدد المساهمات : 51891 العمر : 72
| موضوع: رد: 12 - Yusuf الأربعاء 21 سبتمبر 2022, 8:58 pm | |
| (101) Gooftaa kiyya! dhugumatti mootummaa irraa naaf kennitee jirtaHiika manaamotaa irraas na barsiiftee jirta(Yaa) Uumaa samiifi dachii! Ati Duuniyaafi Aakhiraattis gargaaraa kiyyaMuslima taasisii na ajjeesii Warra gaggaarittis na dhaqqabsiisi.”
(102) Kun oduu fagoo irraayyiGara keetti isa beeksifnaYeroo isaan kan (Yuusufitti) tooftaa baasan ta’anii dhimma isaanii waliin qindeessan ati isaan bira hin turre.
(103) Irra hedduun namootaas (amanuu isaaniitiif) odoo bololtees kan amananii miti.
(104) Ati isa irratti mindaa wahii isaan hin gaafattuInni (Qur’aanni) aalamaaf gorsa malee homaa hin taane.
(105) Samiifi dachii keessa mallattoo kan isaan ishee irraa gara galan ta’anii ishee irra taran heddutu jira.
(106) Irra hedduun isaaniis qindeessitoota ta’anii malee Rabbitti hin amananu.
(107) Sila tasa haala isaan hin beekneen Rabbi irraa haguugduun adabbii Rabbii irraa taate isaanitti dhufuu yookiin Qiyaamaan isaanitti dhufuu of amanuu?
(108) “Kun karaa kiyyaAniifi namni na hordofes beekumsa irratti haala ta’een gara Rabbiitti waamaRabbiinis qulqullaa’eAnis Mushrikoota irraayyii miti” jedhi.
(109) Si duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniitti buufne malee hin ergineSila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caalaSila hin xiinxaltanuu?
(110) Yeroma Ergamoonni abdii murataniifi dhugumatti kijibsiifamuu beekanitti tumsi keenya isaaniif dhufee namni Nuti feenes baraarameadabbiin keenyas yakkamtoota irraa hin deebifamu.
(111) Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jiraInni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeeffame hin taaneGaruu dhugoomsaa (kitaabban) isa duraatiAddeessaa wantoota hundaati; ummata amananiifiis qajeelfamaafi rahmata.
|
| | | | 12 - Yusuf | |
|
مواضيع مماثلة | |
|
| صلاحيات هذا المنتدى: | لاتستطيع الرد على المواضيع في هذا المنتدى
| |
| |
| |