111 - Al-Masad
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Harki Abuu Lahab lamaan badde[Innis]bade.
(2) Qabeenyi isaatiifi wanti inni hores isa hin fayyanne.
(3) Ibidda abbaa bobayaa (belbelaa) taate seenuuf jira.
(4) Niitiin isaas baadhattuu qoraanii taatee (seenti).
(5) Morma ishee keessa haada quncee temiraa irraa ta'etu jira.