102 - At-Takaathur
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Baay’ifachuun (ibaadaa irraa) isin jaataneesse (shaagale).
(2) Hanga awwaala dhaqxanitti (duutanitti).
(3) Dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu.
(4) Ergasiis dhorgamaa! Fuula dura beekuuf jirtu
(5) Dhugumatti, odoo beekumsa mirkanaa’aa beektanii (hin shaagalamtanu ture).
(6) Dhugumatti ibidda ni argitu.
(7) Ergasii argaa mirkanaa’aa arguuf jirtu
(8) Ergasii dhugumatti guyyaa san qananii irraa gaafatamuuf jirtu.