100 - Al-Aadiyaat
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) (Faradoo jihaadaa) harganaa guluftuunin (kakadha),
(2) (Isaan yeroo gulufan kottee isaaniitiin) ibidda qabsiisaniin,
(3) (Isaan) bariidhaan (diina irratti) weerara adeemsisanitti;
(4) Isaan dhukkee ol kaasanitti;
(5) Isaan (weeraraan) gamtaa diinaa walakkeessaniin [kakadha].
(6) Dhugumatti, namni (hedduun) Gooftaa isaa mormaadha.
(7) Inni kana irratti ragaadha
(8) Inni (namni) qabeenya jaalachuutti cimaadha.
(9) Sila inni yeroo wanti qabroota keessa jiran hundi baafaman sana hin beekuu?
(10) Yeroo wanti qoma keessa jiran (hundi) ifa baafaman (hin beekuu?)
(11) Dhugumatti, Gooftan isaanii guyyaa san isaan beekaadha.