114 - An-Naas
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
(1) Jedhi: "Gooftaa namaattin maganfadha.
(2) Mootii namaatti,
(3) Gabbaramaa namaatti,
(4) Hamtuu waswaasii dhokatuufi mul’atuu irraa,
(5) Isa qoma namaa keessa waswaasu irraa,
(6) Jinniifi nama irraa kan ta’e (irraan maganfadha).”

Source:
IslamHouse.com.